azlyrics.biz
a b c d e f g h i j k l m n o p q r s t u v w x y z 0 1 2 3 4 5 6 7 8 9 #

yonan biruk – awash lyrics

Loading...

aaaa yaa awaash guddaa
awaash burqaa kaa
imaltuu gammoojjii
fakkoo oromoo lagaa
yaa awaash kootichaa
fakkoo oromtichaa
gaafa duula deemu
gaafa duula deemu
hin fedhu waalechaa
awaash garraamticha
awaash garraamticha
fakkoo oromtichaa
dheebotaa obaase
laatee qufsee bulchaa awaash
awaash oromoo dhaa ilma kuush hangafaa
oromoo dhaa awash baduun isaa fafaa

hinguu
hinguu awaash hinguuka beektuu
lammii
hinbadu lammiin haaqa isaan jiraatuu
eegaa dhaalee ammas caalee
biyya ijaaraa waloma tolee
eegaa dhaalee ammas caalee
biyya ijaaraa waloma tolee
eegaa caalee hundaa dhaalee
irra garmaamaa habaan daalee
eegaa dhaalee ammas caalee
biyya ijaaraa waloma tolee
an dursaan isatu qaroomee
sirna kaam kan gadaa arjoomee
guddaan kun guddifachuu beekaa
alagaa godha fira dhiigaa
jagnummaan eenyummaa isaati
adiinuu kana ragaa baati
hinyaattuu rirmi seenaa hinyaattu
lallabamaa labataan dhugaatuu

oromoo koon guddina isaa lallabaa
maqadishoon keemii
jabadisho deemii
kansa ta’uu dhaamii
ilma kuushiin qarooma isaa lallabaa
laali balaa laalii as tumii laalii
biyyaa abaa ke dhaalii
hidda abbaa koon sirna isaa lallabaa
sirna gadaatti bulaa waaqeffannaattii amanaa hin nyaatu imaanaa
ilma kuushiin gootummaa isaa lallabaa
gororri itti hadhaayee
adawaati akaayee
bilisumaa kaayee

heemmulee yaa sanyii gootaa
yaa hambaa gootaa
yaa dachii gootaa
nurra dhoowwi kan saba kee qodduu
kan shira nuuf gaadduu
qoli nurraa gooftaa
nurra dhoowwi kan saba kee qoodduu
qoli nurraa gooftaa
heemmulee yaa abbaa daalee yaa abbaa booraa yaa abbaa shaanqoo
biyyatu bee aarsaa itti laatee eenyutti dhiistaa dhaali lammiikoo
heemmulee yaa abbaa daalee yaa abbaa daamaa yaa abbaa daamaa
hin sarmuu jedhu maqaan isaa yoo gaafa duulaa gurmuun waloomaa
daacittu qabaa qaallu hincabuu lammin kuni
daacittu qabaa kaa
daacittu qabaa qaallu hincabuu lammin kuni
daacittu qabaa kaa

gororri itti hadhaayee
adawaati akaayee
bilisumaa kaayee
kan baree lubbuu biyyaf laachuu
hin barree inni garaaf kaachuu
okkolaa itti cabaa dhaabee
oromoo saba kasaaf duulee
kan abbaan gabbareef lubbuusaa
ilmi eenyuuf biyya abbaa dhiisaa
barbaannee kan bade sassaabnaa
waloomaan fala afrikaa taanaa

oromoo koon guddina isaa lallabaa
maqadishoon keemii
jabadisho deemii
kansa ta’uu dhaamii
ilma kuushiin qarooma isaa lallabaa
gara kushiin saabaa
bakka jirtuu lallabaa
keenya eertiraan kaabaa
hidda abbaa koon guddinaa isaa lallabaa
keeniyaa irra deemtu
heeroye irra as ceetu
kan isaatikaa martuu
ilma kuushiin gootummaa isaa lallabaa
gororri itti hadhaayee
adawaati akaayee
bilisumaa kaayee
heemmulee yaa abbaa daalee yaa abbaa booraa yaa abbaa shaanqoo
biyyatu bee aarsaa itti laatee eenyutti dhiistaa dhaali lammiikoo
heemmulee yaa abbaa daalee yaa abbaa daamaa yaa abbaa daamaa
hin sarmuu jedhu maqaan isaa yoo gaafa duulaa gurmuun waloomaa
daacittu qabaa qaallu hincabuu lammin kuni
daacittu qabaa kaa
daacittu qabaa qaallu hincabuu lammin kuni
daacittu qabaa kaa
daacittu
daacittu qabaa kaa



Random Lyrics

HOT LYRICS

Loading...